Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Arsii Bahaa aanaa Zuwaay Dudgaa keessatti maqaa nyaata raayyaa ittisa impaayerattii, gibiraa fi Inshuuraansii fayyaa jedhuun dirqamaan uummata irraa maallaqa funaanaa jiraachuun beekame

ONM-ABO Sadaasa 24, 2023

Murni naasuu uummata Oromoof hin qabne bilxiginnaan teessuma aangoo isaanii tikfachuuf jecha uummata ofiifuu qaala’iinsi jireenyaa mataa irra ba’ee waan qabuuf dhiisu wallaalee jiru harkaa maqaa adda addaa of dura qabuun afaan qawween uummata irraa maallaqa funaanaa jiraachuu jiraattonni Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa dubbise tokko tokko ibsaniiru.

Egereen uummatichaa kan isaan hin yaaddessine kaabinoonni murna bilxiginnaa kunneen osoo rakkina hawaasaa beekanii jiranuu maal na dhibdeen hawaasa gidirsaa kan jiran yoo ta’u, Arsii bahaa aanaa Zuwaay Dudgaa ganda Hulaa Arbaa jedhamu keessattis gochootuma kanatu hawaasa nagaa irratti raawwatamaa jira.

Akka jiraattotni kunneen jedhanittis haalli gibiraa bara kana itti kaffalaa jirru kan bara darbee caalaa dachaan dabaluun nu kafalchiisaa jiru jechuun, akkasuma torban torbaniin maqaa adda addaa mata duree godhachuun maallaqa nu saamaa jirus jedhan.

Exit mobile version