Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Arsii bahaa aanaa Zuwaay Dudgaa keessatti guyyaa 3ffaa lagannaan gabaa fi ugguri sochii geggeeffame

ONM-ABO Muddee 16, 20233 

Rakkoo waraanni faashistii PP uummata nagaa irraan gama siyaasaa, dinagdee fi hawaasummaan ga’u mormachuun uummanni Oromoo godina Arsii bahaa aanaa Zuwaay Dudgaa lagannaa gabaa fi uggura sochii  geggeessaa jira.

Lagannaan gabaa ona Zuwaay Dugdaa magaalaa Ogolchoo keessatti  dheengadda Muddee 14, 2023 eegale hanga har’aatti itti fufee kan jiru yoo ta’u, konkolaataan guyyaa gabaa magaalaa Ogolchoo Jimaata kaleessaa magaalaa Maqii, Asallaa fi Caffee Jilaa irraa deemu cufti sababa ugguraan osoo hin seenin hafeera.

Sochii namoota magaalattii keessaan ala sochiin daldalaa fi konkolaattoota akka hin jirre akkasumas lagannaan kun guyyaa sadaffaa lakkoofsiseera jechuun jiraattotni magaalaa Ogolchoo dubbatu.

Sababni lagannaa gabaa fi uggura daandii kun caasaan murna faashistii PP mi’a ittiin miidhaan namaa guurratan baatanii manaa mana irra deemuun qamadii fi xaafii fedha keenya malee deggersa mootummaati jechuun fudhachaa jiranii fi dargaggoota keenya humnaan qabanii leenjii waraanummaaf geessaa jiran irraa kaaneeti jedhu.

Itti dabaluunis gocha badii sirnichi akka uummatatti nu irratti gochaa jiru nuffuu irraan kan ka’e tarkaanfii kanatti galle kan jedhan jiraattotni, bilxiginnaan deebii sirrii ta’e akka sabaatti hanga nuuf deebisutti tooftaa adda addaa jijjiiruun mormii keenyaa itti fufna jechuun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Exit mobile version