ONM-ABO Ebla 19, 2024
Tiksitoonni impaayera Itoophiyaa guyyaa irraa gara guyyaatti guutuu Oromiyaa keessatti uummata Oromoo mirga lubbuun jiraachuu isaa sarbuun, qe’ee isaa irraa buqqisuu, saamuu, hidhuu fi ajjeechaa suukaneessaa irratti raawwachaa jiraachuu gabaasaa turuun keenya kan yaadatamuudha.
Kufaatii dinagdee hamaa isa mudatee jiru jalaa ba’ uu kan dadhabe bilxiginnaan impaayera Itoophiyaa raafama siyaasaan diigamaa jirtu deebisee suphuuf uummatarraa maallaqa humna isaanii olii afaan qawween doorsisee saamaa jiraachuu jiraattoonni dubbatu.
Godina Arsii Bahaa aanaa Zuwaay Dugdaa gandoota akka, Kiyyaanshoo, Unshittii Sheetamaataa, Qobboo, Boraaraa, Heeraraa Mondaayyuu fi Gannaalee keessatti waraanni faashistii PP maqaa gibira jedhuun manneen uummataarra deemanii mana tokko irraa qarshii 1,650 hanga 2200’tti dirqiin saamaa jiraachuu maddeen gabaasan.
Keessattuu ganda Unshittii Sheetamaataa keessatti Waraana Bilisummaa Oromootu as keessa jira jechuun waraana isaa 200 ol ta’an meeshaalee gurguddaa hidhachiisee hawaasa gandichaatti bobbaasuun qe’ee irraa buqqisaa kan jiru yoo ta’u, jiraattota gandichaa guutummaan hamma caasaan keenya deebi’ee ijaaramutti lafa keessan hin qottan jechuun ammas balaa beelaa kan biroof saaxilaa jira.
Waraana sirnichaa ganda keessa yaasuun uummata dararaa kan jiran kaabinoota aanichaa maqaan isaanii, Amaan Qaasim, Bashir Nabii, Kadir Ibsaa, Jamaal Garee fi Nugusee Amaan kan jedhaman yoo ta’an, keessumatti Kaabinee maqaan isaa Suufoo Abaadir jedhamu bara bulchiinsa Wayyaanee irraa kaasee hanga har’aatti uummatarraan dararaa hamtuu geessisaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaa gabaasaniiru.

