ONM-ABO Guraandhala 5, 2026
Godina Arsii Bahaa aanaa Zuwaay Dugdaa ganda Arbaabitee jedhamu keessatti loltootni impaayera Itoophiyaa Amajjii 27, 2026 namoota hedduu maqaa hariiroo Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu jedhu itti moggaasuun qabanii erga reebaa turanii booda magaalaa aanaatti geessuun hidhanii dararaa jiraachuun ibsameera.
Namoota haala kanaan mana isaanii irraa butamuun yakka tokko malee yakkamaa taasifamanii dararamaa jiran keessaa muraasni maqaan nu qaqqabe:
- Qaasoo Bakaruu Daduu,
- Kaliil Aabbee Amiinoo,
- Kurfaa Roobaa Tukee,
- Amaanaa Furoo Turturoo,
- Seeyfu Dararoo,
- Habib Amana Bariisoo fi
- Qaasoo Dagoo
kanneen jedhaman yoo ta’an, nama maqaan isaa Kaddaashaa Abdallaa Faranjii jedhamu jalaa immoo loon 4 fudhatanii deemuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Haaluma wal fakkaatuun shiftoonni Bilxiginnaa hawaasa saamuu irratti bobba’anii hojjetaa jiran kunneen godinichuma aanaa Heexoosaa ganda Hurxummaa fi Mooye jedhamu keessatti maqaa gibiraa fi midhaan akkasumaas, maallaqa maqaan isaa hin beekamne humna uummataa ol ta’e gaafachuun dararaa kan jiran yoo ta’u, mataa nama tokko tokkoon midhaan 50kg hanga 100kg, gibiraan alatti Qarshii 16,000 fi gibiras hangi isaa dhaabbataa hin taane gaafachuun hawaasni waan kaffalu dhabee rakkataa jiraachuu gabaasaan nu qaqqabe ni ifoomsa.
Namoota waan gaafataman kana kaffaluu hin dandeenye qabeenya isaanii saamuu fi ni hidhamtu akkasumas, ni duutu jechuun doorsisaa kan jiran ta’uus odeeffannoon Arraata Biyyoolessa Oromiyaa qaqqabe ni addeessa.

