Waraanni murna bilxiginnaa godina Arsii bahaa aanaa Zuwaay Dugdaa magaalaa Ogolchoo keessatti dargaggoota lama qabanii hidhaan.
ONM-ABO Fulbaana 24, 2022 Murni bilxiginnaa hidhaa akka tooftaa waraanaatti itti fayyadamuun uummata afaan qabachiisee bulchuuf hojjechaa jiru e Oromiyaa godinaalee hedduu keessatti Waraana Bilisummaa Oromoo waliin hidhata qabdu jechuun namoota nagaa hidhaa jira.
Akk kanaanis godina Arsii bahaa aanaa Zuwaay Dugdaa magaalaa Ogolchoo keessatti dargaggoota nagaa lama kanneen siyaasaa irra bilisa ta’an Abdallaa Irreessoo fi Kaalil Badhaasoo jedhaman gaafa Fulbaana 21, 2022 waajjira Poolisii aanichatti hidhanii darara jiru jechuun maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniru.
Abdallaa Irreessoo hojjetaa waajjira daandii aanaa Zuwaay Dugdaa yeroo ta’u dargaggoon Kaliil Badhaasoo ammoo barsiisaa ispoortii Teekuwaandoo ti.
Kana malees aanicha keessatti kaabinoonni aanichaa fi waraanni sirnichaa namoota hedduu sababa tokko malee karaa irra qabuun reebaa fi halkan halkanis mana namoota irra deemuun saamicha geggeessaa akka jiran dabaluun ibsaniiru.

