Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Arsii Bahaa aanaa Zuway Dugdaa keessatti hidhaa fi dararaan jiraattota irratti hammaachuun himame

ONM-ABO Guraandhala 12, 2024

Kibba Baha Oromiyaa Godina Arsii Bahaa aanaa Zuwaay Dugdaa magaalaa Ogolchoo fi gandoota hedduu keessatti jalqaba bara 2024 irraa eegaluun maqaalee garaa garaa uummata nagaatti maxxansuun murnoonni PP hidhaa dabalatee dararaa ulfaataa uummata nagaa irratti gaggeessaa jiraachuu jiraattotni dubbatu.

Magaalaa Ogolchaa keessatti dargaggoota sababa tokko malee adamsanii reebuu fi hidhuun bahaaf gala dhorkaa kan jiran yoo ta’u, namootni maqaan isaanii Dassoo Galaanoo hojjetaa waajjira nageenyaa aanichaa, konkolaachisaa Abdallaa Kadir, Sulxaan Sheek Amaaniyaa fi hojjetaan waajjira qonnaa aanichaa Jamaal Wabee jedhaman hojii basaasummaa irratti bobba’uun magaalicha keessatti jiraattotatti jireenya hadheessaa jiraachuu jiraattotni gabaasan.

Oduuma walfakkaatuun aanaa Zuwaay Dugdaa gandoota daandii Gubba jiran kanneen akka kiiyyanshoo, Dugdaa baatuu fi Amiinyaa Gaasoree sheeladdii gotoo jedhaman keessatti Loltootni fi kaadirootni PP uummata daandii irra adeeman dirqiin qabuun ukkaamsanii gibira kaffalaa jechuun dararaa itti hammeessanii jiraachuu jiraattotni dubbatu.

Dabalataanis gaafa Amajjii 27, 2024 dargaggoota dhalootni isaanii ganda Unshiittii sheetamaa ta’aan sadii kan maqaan isaanii Muusaa Amaan, Abdullaxiif Qaasoo fi Aliyyii Nashaa jedhaman ganda Araxaa Cufaatii jedhamtu keessatti sababa waraqaan eenyummaa isaanii ganda Unshiittii Sheetamaa ta’e qofaaf isin deggertoota WBO’ti jedhanii qabanii hidhuun haga hardhaatti dararaa ulfaataa irraan ga’aa jiraachuu maddeen ONM’tti himaniiru.

Exit mobile version