Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Arsii Bahaa aanaa Martii keessatti manneen qonnaan bultootaa diigamuun hawaasnis loltoota sirnichaan qe’ee irraa buqqa’aa jira

ONM-ABO Adoolessa 19, 2024

Erga Abiy Ahimed aangootti dhufee kaasee waraana  abbaa irree bilxiginnaan gara jabeenyi daangaa hin qabne irratti geggeeffamaa kan jiru uummanni Oromoo har’a yeroo mootummaan ani Oromoodha ofiin jedhu barcuma siyaasaa imphaayerattii qabatee jirutti  loltootuma ani Oromoodha ofiin jedhu kanaan qe’een Oromoo alaa manni nagaa dhabuun goolama jabaa keessa jira.

Guyyaa dheengaddaa Adoleessa 17, 2024 aanaa Martii ganda Wataroo-Diinoo araddaa Dileebaa jedhamu keessatti loltoonni maafi’aa PP maqaa sakkattaa WBO’n bobba’an magaalaa irraa ba’anii gara bosonaa deemuu sodaachuun manneen qonnaan bultootaa lafuma itti dhufanitti WBO’n naannoo kana socho’a jechuun  hawaasa hedduu jalaa manneen  diiguu jiraattonni bakkichaa ONM’f himan.

Namoonni manneen irraa diigaman muraasni maqaan isaanii nu ga’e;

  1. Amanoo Hamdaa
  2. Hamidoo Jambaa
  3. Ahimed Arabaa fi 
  4. Abdallaa Jambaa  kanneen jedhaman yoo ta’an, namoota kana jalaa  mana isaanii diiguun qabeenyaa mana keessaas guutummaatti jalaa fudhatanii deemuu  dabaluun ibsaniiru. 

Jiraattota gandichaa irratti dhukaasa banuun hawaasa shororkeessanii gara bosonaatti akka baqatan taasisanii jirus jedhan.

Ganda Wataroo Diinoo  Aradduma Dileebaa kana keessatti waraanni PP ajjeechaa fi gubaatii manneen namootaa irratti raaawwatuun alatti tokko tokkoon mana namootaa irra deemuun midhaan dheedhii fi bilchaataa gurraachaa turuu  dabaluun ibsaniiru.

Exit mobile version