ONM-ABO Adoolessa 14, 2024
Egeree uummata Oromoo balleessuuf karoorfatee loltoota isaa leenjisee hawaasa keessa bobbaasee kan jiru bilxiginnaan, gocha waraanni impaayerattii kun dalagaa jiruun uummatichi gaaga’ama hamaa keessa galuun manaa fi lubbuu dhabaa jira.
Uummata badii tokko hin qabne waanuma WBO’n ganda sana keessa darbeef jecha aanaa Sirkaa gandoota lama keessatti gubaatii manneenii jumlaan raawwachuu jiraattonni gandichaa himan.
Ergamtoonni sirnichaa uummata nagaa ganda Dheeraa fi ganda Soojjee Saadee keessaa namoota nagaa sababa tokko malee ganda isaaniin qooduun mana hidhaatti guuree dararaa akka jiru dabaluun ibsaniiru.
Maqaan namoota kanneenis
1. Sabboontuu Abdallaa
2. Maruu Alisee
3. Aliyaa Muhaammad
4. Ruqiyaa Sulxii
5. Saaduu Muktaar
6. Tamiimaa Kadir
7. Zaalikaa Kadir
8. Badir Huseen
9. Daaluu Sh/Abduramaan fi
10. Muusaa Hasanoo kanneen jedhaman iddoo isaan meeshaalee manaa bittachaa jiranitti WBO’f bitaa jirtu jechuun jumlaan mana hidhaatti guuranii jiraachuus jiraattonni kunneen dabaluun ibsaniiru.
Jiraattotni kunneen baanee galuu dhorkamaa jirra, murni mootummaa ofiin jedhu maqaa garaagaraa nutti moggaasuun waan nuti keessaa hin qabneen dararaa hamaa nurratti raawwachaa jiru jechuun, yaaddoo nageenyaa hamaa keessa akka jiranis ONM’tti himaniiru.

