ONM-ABO Bitootessa 30, 2025
Jiraataa magaalaa Shaashamannee ganda Malkaa Odaa kan ta’e, namni maqaan isaa Amsaaluu Tafarraa jedhamu reebicha hamaa tiksitoonni impaayerrattii waajjira poolisii keessatti irraan gahaa turan dandamachuu dadhabuun Bitootessa 27, 2025 ganama sa’a 12:00’tti manuma hidhaa keessatti lubbuun darbee jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Akka maddeen himanitti, Amsaaluun badii tokko malee sababa Oromummaa isaa qofaaf hidhamee dararamaa kan ture yoo ta’u, innis akka malee reebamaa waan tureef keessi qaama isaa hedduu miidhamuun guyyaa lubbuun darbe sana halkan isaa; “qaama koo keessa na waraanaa jira waan ta’eef mana yaalaatti na geessaa?” jedhee hiriyoota isaatti himatee oggaa fuudhanii deemuuf ka’an poolisiin waardiyaa irra jirtu hin geessitan jettee dhorkuun innis halkan guutuu iyyaa bulee ganama lubbuun keessaa ba’uu madeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.
Ergamtoonni ilmaan Oromoo sobaan yakkuun dararaa ulfaataa irraan gahuu amaleeffatan loltoonni Bilxiginnaa, yeroo ammaa kanas kutaalee impaayerattii cufa keessaa bifa adda ta’een adamsanii hidhaatti darbachuu fi ajjeesuu itti fufanii jiru.

