Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Miseensotni raayyaa ittisa impaayerattii 10 godina Arsii bahaa, Qellem Wallaggaa fi Gujii Lixaa keessatti WBOtti makaman

ONM-ABO Adoolessa 14, 2023

Caasaan waraana faashistii impaayerattii akka tiksaniif ijaaraman bilxiginnaa utubuuf lola isaan hin ilaallanetti hirmaatanii lubbuu obba’aa jiraachuu hubachuun sirnacha ganuu itti fufanii jiru.

Keessaayuu ilmaan Oromoo humnaa fi goyomsaan qabamanii gara mooraa leenjii waraana bilxiginnaa geeffaman qawwee fi hidhannoo waliin ganuun gooticha Waraana Bilisummaa Oromootti makamaa jiru.

Kaleessa Adoolessa 13, 2023 miseensi raayyaa ittisa impaayerattii 1 godina Arsii bahaa aanaa Jajuu irraa qawwee AKM dachaatuu 1, rasaasa 200, gumbii 2 fi hidhannoo 1 qabachuun WBO bira ga’ee jira.

Waraanni faashistii PP kun ganuun itti fufuun Adoolessa 12 godina Qellem Wallaggaa aanaa Gidaamii fi Gaawoo Qeebbee irraa miseensotni raayyaa ittisa impaayerattii 3 qawwee AKM Turkii 1, dachaatuu 2, rasaasa 600 fi hidhannoo 3 mooraa diinaa keessaa baasuun mooraa qabsoo bilisummaa Oromoo itti gabbisanii jiru.

Kaleessa Adoolessa 13 godina Gujii lixaa aanaa Bulee Horaa ganda Gaalee Magaadaa irraa waraanni PP 6 Waraana Bilisummaa Oromoo WBOtti makamanii jiru.

Isaan keessaa namni 4 hidhannoo guutuudhaan yommuu ta’u, gama meeshaatiin qawwee AKM Turkii 4, Boombii F1 2, rasaasa730 fi gumbii 8 mooraa qabsoo bilisummaa Oromoof oolchanii jiru.

Miseensotni waraana bilxiginnaa duranii kun sirnicha ganuun WBOtti makamutti gammaduun, gocha badii armaan dura uummata Oromoo irratti raawwataniifis dhiifama gaafataniiru.

Xumura irrattis ilmaan Oromoo qawwee diinaa baatii impaayeera dulloomtuu farra Oromummaa taate tiksuuf hojjechaa jiran, sirnichi sirrii akka hin taane hubachuun keessaa gananii WBOtti akka makaman dhaamsa dabarsaniifii jiru.

Exit mobile version