ONM-ABO Muddee 27, 2023
Uummanni Oromoo waggoottan shanan darbanii kaasee qe’ee isaa irratti nagaan jiraachuu dadhabuun hidhattoota sirnichi bobbaaseen ajjeefaa, qe’een isaa gubachaa har’a kan ga’e yoo ta’u ammas bifa addaan dargaggoota adda waraanaatti erguun lubbuu isaanii obbaasaa jira.
Haaluma magaalaa Roobee keessatti dargaggoo Muhaammad Huseen jedhamu kan baadiyyaarraa haadhasaa yaalaaf gara magaalaatti fidee bakka inni haadhasaa waliin siree qabatee jiruu humnoonni sirnichaa qabanii osoo haati isaa miilasaanii irratti kuftee kadhattu qabanii gara leenjii waraanaatti geessan jedhu.
Ilma kee balaliisaa Xiyyaaraa siigoona, Xiyyaara yeroo darbe as dhufe sana beekta miti, akkasitti ilmaa kee akka balaliisuu malee waan biraa mitiim jedhanii itti qoosaa turuus himan.
Gujii lixaa aanaa Bulee Horaa anda soorile keessatti obboleyyan lamaan Haadha tokko jalaa fudhaani adda waraanatti kan oofan yoo ta’uu obbolaan lamaan kunis maqaan isaanii Roobee Baanataa fi Goobanaa Baanataa yoo jedhaman Roobeen Kun kanaan dura qabame Mana hidhaa keessa kan turee fi guyyaa dheengaddaa mana hidhaati baasanii fe’uu maatin imimmaan harcaasaa dubbatu.

