Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Baha Shaggar onoota garaa garaa keessatti dargaggoota jumlaan qabuun gara mooraa waraanaatti guuraa jiraachuun barame

ONM-ABO Fulbaana 26, 2025 

Murni Bilxiginnaa impaayerattii kufaatii irraa baraaruuf halkanii fi huyyaa dhama’an goleewwan Oromiyaa cufa keessatti ilmaan Oromoo jumlaan qabanii mooraa waraanaatti guuraa kan jiran yoo ta’u, haaluma kanaan tibbana ammoo bifa adda ta’een Baha Shaggar magaalaa Adaamaa keessaa dargaggoota hedduu humnaan qabuun gara mooraa leenjii  waraanaatti guuraa kan jiran ta’uu jiraattonni magaalichaa dubbatu.

Akka jiraattonni himanitti, waraanni faashistii PP dargaggoota daandii irraa  jumlaan qabuun gara mooraa waraanaatti guuraa jiraachuun onoota garaa garaa keessatti kan baratame ta’uu himuun, magaalaa Adaamaa keessatti ammoo tibbana daran humnaa ol hojjettoota hojii humnaa hojjetatanii halkan manatti galanii fi dargaggoota rakkoo jireenyaaf daandii irratti ba’an akka hammaatee jiru dubbatu.

Sodaa waldhibdeen biyyoota ollaa waliin uumamuu danda’aa fi lola biyya keessatti caasaaleen isaa manca’uun wal-qabatee kufaatii isatti dhufaa jiru humna waraanaa baay’ee horatee jalaa ooluuf jecha gareen dhiigaa fi lola malee hin jiraanne dargaggoota hedduutti mul’ata jireenyaa jaamsee carraa du’aa banuufiin ukkaamsee fe’aa jiraachuu  jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Exit mobile version