ONM-ABO Bitootessa 11, 2026
Godina Qellem Wallaggaa aanaa Hawwaa Galaan gandoota garaa-garaa keessatti tibbana Bitootessa 6, 2026 irraa eegaluutiin waraanni murna maafiyaa PP dargaggoota jumlaan gara mooraa waraanaatti guuraa jiraachuu fi maqaa “nyaata miliishaa” jedhuun maallaqa humnaa olii dirqamaan uummata irraa saamaa jiraachuu jiraattonni bakkichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Akka jiraattonni jedhanitti, dabni murna kanaan akka aanichaattis ta’u akka Oromiyaatti raawwatamaa jiru haaraa ta’uudhaa baatus, tibbana ammoo bifa adda ta’een aanichuma mandara 21ffaa fi kanneen biroo hedduu keessatti dargaggoota jumlaan guyyuu gara mooraa waraanaatti guuraa akka jiran ifoomsaniiru.
Kanaan alatti ammoo maqaa nyaata milishaa jedhuun uummata doorsisanii maallaqa 10,000-30,000tti dirqamaan guuraa jiraachuu himuun, akka aanichaatti dabni murna kanaan nurra ga’aa jiru waan yaraa miti jechuun dabaluun eeranii jiru.
Sirni Bilxiginnaa ergamtoota isaa summii jibbaa itti biifuun leenjise guutuu Oromiyaa keessa bobbaasuun taatee bara bulchiinsa Minilik 2ffaan Aanolee fi Calanqoo irratti raawwateen olitti sirna dullacha abboota isaa irraa dhaaleen uummata Oromoo biyya isaanii Oromiyaarratti duguuggaa sanyiin mancaasaa jiraachuun dhugaa ifa-galaadha.

