ONM-ABO Bitootessa 10, 2026
Godina Baha Wallaggaa aanaa Saasiggaa gandoota garaagaraa kanneen akka Odaa Guddinaa, Tsigee fi kanneen biroo hedduu keessatti Bitootessa 5, 2026 waraanni murna maafiyaa PP dargaggoota dirqamaan qabuun gara mooraa waraanaatti guuraa turuu jiraattonni Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa dubbise tokko tokko ifoomsan.
Jiraattonni aanichaa, murna Bilxiginnaaf gochi akkanaa haaraa akka hin taanee fi irra deddeebiin kan mul’atu ta’uu himuun, keessattuu bakka walitti qabama namootaa guyyaa gabaa fi mana amantaatii yeroo galan daandiirraa butanii faana balleessuun baratamaadha jedhu.Tibbanas dargaggoota ammaaf maqaan isaanii guutuun nun qaqqabin jiru hedduu dirqamaan qabanii deemuu addeessaniiru.
Tibba darbe aanichuma magaalaa Angar keessatti guyyaa gabaa Sanbata irra diqamaan namoota baay’inni isaanii 250 ol ta’an konkolaataa 3n gara mooraa waraanaatti guraanii turuu isiniif gabaasnee turuun keenya kan yaadatamu yoo ta’u, lola isaan hin ilaallannetti dargaggootaa fi jaarrolee humna hin qabne dabalatee humnaan dhiibee itti galchuun adda waraanaatti ergee ficcisiisuun umrii dheerina aangoo isaaniif akka tooftaatti fayyadamuun hojjechaa jiraachuun ni beekama.

