ONM-ABO Muddee 24, 2025
Godina Kibba Lixa Shaggar aanaa Iluu keessatti waraanni maafiyaa PP fi kaadiroonni sirna bututaa Bilxiginnaa, Muddee 22, 2025 dargaggoota jumlaan ukkaamsuun gara mooraa waraanaatti guuraa turuu jiraattonni aanichaa Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa dubbise tokko tokko rakkoo uumame addeessanii jiru.
Akka jiraattonni jedhanitti, dargaggoota hedduu kanneen ammaaf maqaan isaanii guutuun nun qaqqabiin jiru, dirqamaan ukkaamsuun konkolaataa 2n fe’anii akka deeman kan himan yoo ta’u, dargaggoota mormii mul’isuuf yaalan ammoo reebicha hamaa ta’e erga irratti raawwatanii booda fuudhanii deemuu himu.
Dargaggoota abdii egeree Oromoo fi Oromiyaa ta’an irratti addatti xiyyeeffachuun adamsuu, doorsisuu, ukkaamsuun achi buutee isaanii iyyaafataanillee akka hin argamne gochuu, gariin ammoo dirqamaan waan isaan hin feene gara adda waraanaatti erguun ilmaan haadha hiyeessaa ficcisiisaa, hedduus ammoo afaan qawweetiin ajjeesanii gataa turuu fi hammas gocha hammeenyummaa isaanii daran hamaa ta’een uummata rakkoof saaxilaa jiraachuun murna Bilxiginnaa haqa haalamuu hin dandeenyedha.

