Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Wallaggaa bulchiinsa magaalaa Naqamtee keessatti kaadiroonni sirna Bilxiginnaa dargaggoota jumlaan mana hidhaatti guuraa jiraachuun ibsame

ONM-ABO Muddee 17, 2025 

Godina Baha Wallaggaa bulchiinsa magaalaa Naqamtee keessatti Muddee 12, 2025 irraa kaasee kaadiroonni sirna Bilxiginnaa dargaggoota jumlaan hidhanii dararaa jiraachuu jiraattonni magaalichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf yaada isaanii qoodan himan.

Akka jiraattonni jedhanitti, addatti jumlaan dargaggoonni akka hidhaman gochaa kan jiru kaadiree murna maafiyaa PP nama maqaan isaa Tolasaa jedhamu akka ta’ee fi bakka marfata 1ffatti gochi kun irra deddeebiin akka raawwatamaa jirus himuun, magaalicha keessatti gochi akkanaa kan jalqabaa ta’uudhaa baatus tibbana ammoo daran hammaachuu irraan kan ka’e, bobbaa fi galli keenya yaaddoo hamaaf saaxilamee jira jechuudhaan eeranii jiru.

Waraanni gabroomfataa Bilxiginnaa fi kaadiroonni sirnichaa waliin qindoomuun daba daangaa darbe uummata Oromoo irratti raawwachaa kan jiran yoo ta’u, goleewwan Oromiyaa mara keessatti waraana faashistii kanaan saamicha, hidhaa, dararaa, gara mooraa waraanaa impaayerattiitti jumlaan dargaggoota guuruu fi hedduu ammoo haala qor-qalbii namaa cabsuun ajjeesanii akka gataa turan faana dhoofnee isiniif gabaasaa turuun keenya ni beekama.

Exit mobile version