ONM-ABO Sadaasa 25, 2025
Godina Baha Wallaggaa Bulchiinsa magaalaa Naqamtee gandoota adda addaa keessatti uummata Oromoo nagaan araddaa isaa irra jiraatutti goolii uumuun maqaa “nageenya biyyaa eegna” jedhuun bobbaafamanii nageenya uummatichaa booressuu bartee kanneen taasifatan waraanni faashistii hidhaa fi dararaan isa duraa caalaa tibbana bifa addaan hammaatee jira jechuun jiraattonni magaalichaa Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa dubbise eeraniiru.
Gandoota kanneen akka 05, ganda 07, Bakkaannisa Qassee fi Bakke-Jaamaa keessatti gochi murna maafiyaa PP daran hammaatee jiraachuu jiraattonni dabaluun himan.
Akka jiraattonni magaalichaa jedhanitti namoota yakka dalagan hin qabne hidhattoonni murnichaa daandiirraa, mana bunaa fi mana jireenya isaaniitii qabuun jumlaan hidhaa jiraachuu himuun, galgala galgala sa’a malee deemaa jirta ergama Waraana Bilisummaa Oromoo ba’achuuf deemta jechuun ukkaamsanii achi buutee faana isaanii balleessaa jiru, gariin ammoo ganda 05 fi mana dararaa isaanii masaraa mootii Kumsaa Morodaa kan hamma bakka buufata waraana Abiy Ahimed ta’e jirutti hidhuun dararaa akka jiran dubbatu
Summii jibbiinsaa itti naquun ilmaanuma isaatiin sabni akka dararamu gochaa kan jiru sirni Bilxiginnaa, namoota dirqamaan daandii irraa guuruun walitti qabee leenjisee, dantaa dhuunfaa isaatti bobbaasuun umrii aangoo isaa dheereffachuuf jecha guutuu Oromiyaa keessatti gariin hidhuun dararuu, gariin ammoo haala suukanneessaan ajjeesuun dhiiga qulqullootaa kumaatamaan dhangalaasisaa turuu fi jiraachuun isaa dhugaa mul’ataadha.

