Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Wallaggaa magaalaa Naqamtee keessatti hidhaan jabaatee itti fufe

ONM-ABO Caamsaa 13, 2024

Bulchiinsa magaalaa Naqamteetti namoota nagaa jumlaan hidhuun waraana maafiyaa PP’n jabaatee itti fufuun abbootiin qabeenyaa magaalichaa fi namootni nagaa hedduun ugguramanii ganda 05 fi 07 keessatti hedduu hidhanii dararaa jiru.

Abbootii qabeenyaa Obbo Dassaalee Dabalii fi Obbo Hayilee Yesuus Qananii jedhaman magaalaa Naqamtee ganda 05 keessatti hidhamanii kan jiran yommuu ta’u, erga hidhamanii torban 2 ga’uu isaanii kan dubbatan jiraattonni, kana duras maallaqa guddaa harkaa fuudhanii kan gadi dhiisanii fi ammas qarshii guddaa harkaa fuudhuuf mana hidhaa keessatti dararaa jirus jedhu.

Namoonni hedduun magaalichatti hidhamanii kan jiran yommuu ta’u, barsiisaa Abdallaa kan jedhamu ammoo addatti Kumsaa Morodaa keessatti akka malee dararamaa jiraachuu jiraattonni ONMtti himan.

Exit mobile version