Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina kaaba Shaggar aanoota hedduu keessatti hidhaa fi dararaan uummata nagaa irratti jabaatee itti fufee jiraachuu jiraattootni dubbatan

Godina kaaba Shaggar aanoota hedduu keessatti hidhaa fi dararaan uummata nagaa irratti jabaatee itti fufee jiraachuu jiraattootni dubbatan.

ONM-ABO Hagayya 17,2022 Shaggar aanoota hedduu keessatti waraanni murna bilxiginnaa yeroo garaagaraatti namoota nagaa maqaa waraana Bilisummaa Oromoo deggartu jedhuu itti maxxansuun namoonni hedduun yoo ajjeessan gariin namoota ammoo qe’ee irra buqqa’u fi mana hidhaatti darara argaa jiru.

Aanaa Yaayyaa Gullaallee gandoota akka Alidheeraa, Shakakkee, Ooyyamaa fi Areeree keessatti namoonni hedduun qabeenyaa isaanii saamamuunii fi mana hidhaa aanichaa keessatti hidhamanii dararaa argaa kan jiranii fi maatiin warri isaanii irra hidhamanis rakkoo hamtuu keessa akka galuu maddeen nuuf himaniiru.

Roobaa Asaffaa fi Tashoomaa Birhaanuu kanneen jedhaman maallaqaa Waraana Bilisummaa Oromootti deddeebistu jechuun magaalaa Yaayyaa Gullalleetti baatii sadii oliif hidhamanii kan jiran yoo ta’u manni murtii bilisan gad dhiisus manni murtii maal beeka nutu beeka jechuun waraanni murna bilxiginnaa achuma mana hidhaa aanichaatti dararaa argaa jira.

Akkasumas aanaa Dagam ganda Dagamayee Saalashii keessatti dargaggoo Hojiisaa Wandimmuu fi Tasfaayee Birhaanuu kanneen jedhaman aanaa Yaayyaa Gullallee ganda Dirree Daalattii lafa gabaa keessatti qabanii Waraana Bilisummaa Oromoof mi’a bituu dhuftan jechuun mana murtiitti osoo hin dhiyeessin baatii tokko oliif dararaa jirus jedhaniru.

Waajjirra poolisii aanaa Yaayyaa Gulaalleetti namoonni 130 ol kan ta’an hidhamanii kan jiranii fi namoonni dhukkubsatan illee yaala dhorkatamuun sadarkaa du’aa irra akka ga’an himameera.

Dargaggoota hedduu keessaa filuun mooraa humna addaa Oromiyaatti walitti qabanii kan jiranii fi maatiin dhaqanii yoo gaafataniis kun mooraadha malee mana hidhaa seetanii jechuun reebanii ari’aa jiru kan jedhan maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Exit mobile version