Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina kaaba Shaggar aanaa Kuyyuu keessatti Waraanni murna bilxiginnaa qeerrowwan lama kanneen maqaan isaanii hin beekamne mana hidhaa aanicha keessaa baasanii ajjeessanii gatu jiraattootni dubbatan

Godina kaaba Shaggar aanaa Kuyyuu keessatti Waraanni murna bilxiginnaa qeerrowwan lama kanneen maqaan isaanii hin beekamne mana hidhaa aanicha keessaa baasanii ajjeessanii gatu jiraattootni dubbatan.

ONM-ABO Hagayya 24,2022 Oromiyaa keessatti muni bilxiginnaa akka barbaadetti dhiiga ilmaan Oromoo bakka fedheettii dhiiga dhangalaasaa fi manneen hidhaa keessaa baase kan barbaadu humnaan adda waraanatti erguun kanneen biroo ammoo hidhaadhaa baasuun ajjeesanii abbaan illee akka hin beekamne bosonati gatuun bineensa sooraa jiru.

Gocha badii kana itti fufuun kaaba Shaggar aanaa Kuyyuu ganda Ulaa Dawwee keessatti dargaggoota lama ammaaf maqaan isaanii adda hin baane gaafa Hagayya 21,2022 mana hidhaa aanaa Kuyyuutii baasuun rasaasa itti roobsanii ajjeessan.

Ijoolleen kun rasaasaan mata isaanii waan rukutamaniif fuulli isaanii illee jijjiramee kan jiruu fi guyyaa lamaaf uummanni naannoo qoratanii dadhabuun kaleessaa gaafa Hagayya 23, 2022 hawaasni naannoo kaasee awwalee.

kana malees mana hidhaa aanichaa keessatti lakkoofsi namoota hidhamanii jiranii hedduu ta’uu fi dargaggoonni hedduun lafti isaan dhufan kan hin beekamnee ta’uu namoonni mana hidhichaa ba’an dubbachuun, manni hidhaa waan guuteef mana fuula dura roobaa fi aduu keessa ciisaa jiraachuu jiraattootni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Akka qeerroo ona Kuyyuu tokko jedhetti hidhattoonni murna bilxiginnaa aanaa kana keessatti guyyaa gara guyyaatti nama ajjeessaa, hidhaa, saamaa fi namoota hedduu irraanis reebicha irraan ga’aniin qaama hir’uu ta’uun waan ittiin yaalaman illee dhabanii rakkoo jabduu keessummeessa akka jiran dubbateera.

Exit mobile version