Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Kaaba Shaggar Aanaa Kuyyuu keessatti waraanni faashistii PP hawaasa nagaa saamuu cimsee itti fufe

ONM-ABO Amajjii 27, 2025 

Daba seenaa keessatti uummata Oromoo irratti raawwatamee hin beekne waggoottan torban kana keessatti raawwachaa kan jiru murni Koloneel Abiy Ahimediin durfamu Bilxiginnaan, goleewwan Oromiyaa cufa keessatti loltoota isaa naamusa waraanummaa hin kabajne kumaatamaan bobbaasuun haala duraan barameen olitti yakkoota gara jabinaa raawwatan jabeessanii itti fufanii jiru.

Amajjii 23, 2025 waraanni Bilxiginnaa aanaa Kuyyuu ganda Darroo Xaaxessaa keessaa:

  1. Baatirii Bahaaruu jalaa midhaan ardaba 4,
  2. Zawudee Ijaaraa jalaa ardaba 9,
  3. Tafarii Baatirii jalaa ardaba 2 fi 

kanneen ammaaf maqaan isaanii adda hin baane hedduu irrattis saamicha raawwachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Akka maddeen himanitti, namoonni kunneen siyaasa kam irraa bilisa ta’uu himuun, murni PP kunneen yeroo ammaas gandoota baadiyyaa aanichaa hedduu irraa tajaajila quunnamtii hawaasaa adda kutuun gochoota suukkanneessoo garaa garaa lammiilee nagaa irratti raawwachaa jiraachuus dabaluun eeranii jiru.

Exit mobile version