ONM-ABO Amajjii 14, 2026
Godina Lixa Wallaggaa aanaa Mana Sibuu ganda Ari’aa Dambii keessatti Amajjii 12, 2026 waraanni weerartuun Bilxiginnaa saamicha hawaasa nagaa gartuu siyaasaa kamiin keessaa hin qabne irratti raawwatan itti fufuun buna hawaasaa jumlaan fe’achuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Akka jiraattonni bakkichaa nuuf ibsanitti waraanni faashistii PP kun maqaa sakkattaa WBO jedhuun bobba’uun buna hawaasaa konkolaataa waraanaa daandii gubbaaa dhaabuun gaafa Amajjii 12, 2026 fe’achaa akka turan kan himu oggaa ta’u, maatiin qabeenyaan jalaa fe’ames maatii qabsa’otaa ta’uus dabaluun himaniiru.
Maatiin qabeenyi isaanii jalaa fe’ame maqaan isaanii:
- Obbo Habtaamuu Teessoo jalaa buna ardaba 5,
- Obbo Adam Ayyaanaa jalaa buna ardaba 5,
- Obbo Beekamaa Sobbooqaa jalaa buna ardaba 2 fi
- Obbo Badhaasaa Oljirraa jalaa loon hameessa tokko ooffattanii deemuu dabaluun ibsaniiru.
Addatti immoo Obbo Badhaasaa Oljirraa qabeenya isaanii erga saamanii booda maanguddoo kanaa fi ilma isaanii dargaggoo Bultii Badhaasaa jedhamu ukkaamsuun fuudhanii deemuun hanga yeroo odeessi kun qindaa’eetti bakki isaan geessan hin baramne jechuun jiraattonni gandichaa himaniiru.
Murni Bilxiginnaa kufaatii dinagdee hamaa isa mudatee jiruuf saamicha hawaasa nagaa irratti raawwachuu akka tarsiimootti baafachuun uummata ofiifuu qaala’insi jireenyaa dararaa jiru kana qabeenya xiqqaa inni qabu hidhattoota isaa irratti bobbaasuun saamaa akka jiru irra deddeebiin gabaasa turuun keenya kan yaadatamudha.

