ONM-ABO Amajjii 16, 2026
Godina Baha Wallaggaa aanaa Saasiggaa ganda Galaa Qarsaa keessatti gaafa Amajji 12, 2026 ergamtoonni Bilxiginnaa garaa isaanii guuttatanii buluutiin ala waa’een saba irraa dhalatanii homaa itti hin dhaga’amne manneen jiraattotaa cabsanii seenuun qabeenya isaanii saamaa turuu maddeen ONM’f eeraniiru.
Haaluma kanaan namoota qabeenyi isaanii jalaa saamame keessaa kan maqaa arganne:
- Obbo Haayilee Ximqataa jalaa buna kuntaala 4,
- Obbo Gammachuu Iddoosaa jalaa buna kuntaa 2 fi
namoota maqaan isaanii ammaaf adda hin baane jalaas qabeenyi isaanii saamamee turuun beekameera.
Bifuma wal fakkaatuun guyyuma sana ganduma Galaa Qarsaa keessaa hawaasa nagaa kanneen maqaan isaanii:
- Obbo Mizgaanuu Damee fi
- Aadde Buzunee Bulchaa
jedhaman ammoo badii tokko malee reebicha hamaa erga irraan ga’aniin booda mana hidhaatti darbachuun hiraarsaa jiraachuu maddeen himaniiru.
Akka maddeen himanitti Aadde Buzuneen haadha ilmaan 7 siyaasa kamirraayyuu walaba taateedha jechuun kan himan yoo ta’u, ergamtoonni Bilxiginnaa dantaa dhuunfaa isaaniif jecha hawaasa nagaa hiraarsaa jiraachuus itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

