Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Lixa Wallaggaa Aanaa Gimbii keessatti tiksitoonni impaayerattii manneen jiraattotaa gubuun qabeenya isaaniis saaman

ONM-ABO Hagayya 17, 2025 

Godina Lixa Wallaggaa aanaa Gimbii ganda Joogir bakka addaa Gophoo jedhamu keessatti tiksitoonni barcuma koloneel Abiy Ahimed maqaa ilmaan keessantu miseensa waraana bilisummaa Oromooti jedhuun maatii qabsaa’otaa hidhuu, ajjeesuu, saamuu fi mana irratti gubanii godaansisuu hammeessanii jiru.

Murni Bilxiginnaa raafama impaayerattii fi kufaatii siyaas-dinagdee isa mudatee jiru deebisee of ijaaruuf jecha goleewwan Oromiyaa mara hanga gandoota baadiyyaa cufatti tooftaa saamichaa bifa haaraan gadi buusuun bakkoota hundatti gibira humnaa olii fi saamicha garaa garaa raawwachaa jira.

Haaluma kanaan aanaa Gimbii ganda Joogir bakkaa addaa Gophoo jedhamu keessatti Adoolessa 13, 2025 galgala keessaa toora sa’atii 2:00’tti maqaa maatii keessantu miseensa waraana bilisummaa Oromooti jedhuun maatii mana keessaa ari’uun mana isaaniis jalaa gubanii qabeenya mana keessaa cufa saamuun horii isaanii hunda jalaa ooffachuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Namoota manni jalaa gubachuun qabeenyi isaanii saamame keessaa kanneen maqaan isaanii nu qaqqabe:

  1. Obbo Lammeessaa,
  2. Obbo Waaq-jiraa Kifilee  fi 
  3. Obbo Eebbisaa Kifilee 

kanneen jedhaman yoo ta’an, hidhattoonni sirnichaa maatii qabsaa’otaati ittiin jechuun mana keessaa godaansisanii loon, hoolotaa fi harroota walumaa galatti horii gurguddaa irraa kaasee hanga lukkuutti jalaa saamuun waajjira Poolisii aanaa Gimbiitti galfatanii jiraachuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf ifoomsaniiru.

Akka jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaa dubbise himanitti namoonni manneen jalaa gubatee fi yakki saamichaa irratti raawwatame kunneen badii dalagan tokkollee kan hin qabnee fi hariiroo qaama siyaasaa kam irraa walaba oggaa ta’an, ergamtoonni sirnichaa impaayera bututtuu kufatii jalaa baraaruuf jecha goleewwan Oromiyaa mara keessatti duula jal’inaa geggeessuuf bobbaafaman immoo maqaa hawaasa hin ilaallanneen gocha saamichaa fi duguuggaa sanyii raawwachaa jiraachuun ni beekama.

Exit mobile version