ONM-ABO Waxabajjii 17, 2025
Godina Lixa Wallaggaa aanaalee Gimbii fi Ganjiitti ergamtoonni murna Bilxiginnaa maqaa albuuda warqii baasna jedhuun saamicha lafaa daangaa hin qabne jiraattota irratti raawwachaa jiraachuu jiraattotni himan.
Yeroo ammaa maqaa albuuda warqee kanaan aanaa Gimbii ganda Joogir bakka addaa Bulbul jedhamu keessatti manneen uummataa buqqisuun albuuda baasna waan jedhuun jiraattota gandichaa jireenya isaanii mancaasaa jiraachuu dubbatu.
Bifuma wal fakkaatuun godinichuma aanaa Ganjii ganda Gujii jedhamu keessattis maqaa warqee baasuu jedhu dawoo godhachuun jiraattota mana isaanii irraa buqqisanii lafa qonnaa irraa fudhachuun cinatti namoota maalif gochi kun nu irratti ta’a jechuun gaafatan irratti hidhaa fi reebichi itti fufee jiraachuu uummatni gandicha irraa buqqifamaa jiran miira gaddaan guutameen yaada isaanii ONM’f qoodanii jiru.
Akka jiraatonni aanaalee lameenii ONM’f ibsanitti haalli yeroo ammaa mul’achaa jiru haala yaaddessaa fi qonnaan bultoonni hojii qonnaa irratti bobba’uun jireenya isaanii geggeeffatan yaaddoo hamaa keessa jiraachuu ibsuun, yeroon kun waqtii gannaa kan qotee bulaan qonna irratti jabaatee oomishaa fi oomishtummaa guddifachuuf tattaafatu waan ta’eef haalli kun akka kanaan kan itti fufu yoo ta’e Bilxiginnaan lafa nu qubsiisus nuuf qopheessuu qaba jechuun bakkee irratti darbatamanii harka namaatti galuu isaaniitti gadduu dubbataniiru.
Yeroo ammaa koloneel Abiy Ahimed lafa uummata Oromoo abbootii qabeenyaa fi lammiilee biyya alaatti gurguruun uummata irraa buqqisuun cinatti beenyaan illee akka hin kennamneef gochuun baadiyaatti lafa qonnaa irraa magaalaatti maqaa miidhagina magaalaa jedhuun mana jireenyaa jalaa diigee godaansisuun boqonnaa rakkinaa haaraa akka dhandhamatan taasisaa jira.

