ONM-ABO Fulbaana 5, 2025
Lixa Wallaggaa aanaa Gimbii ganda Joogir jedhamu keessaa namoota maqaan isaanii:
- Gammachuu Abarraa abbaa daa’ima tokkoo,
- Dargaggoo Eliyaas Tasfaa fi
- Eliyaas Baqqalee abbaa daa’ima tokkoo
ergamtoonni sirnichaa badii tokko malee ukkaamsuun baatii tokkoo oliif waajjira poolisii aanichaatti hidhanii hiraarsaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Namoonni kunneen hirmaannaa siyaasa dhaaba kamiiyyuu kan hin qabnee fi sababa Oromummaa isaanii qofaaf dararamaa kan jiran ta’uu maddeen itti dabaluun eeranii jiru.
Sirna dhableeyyiin ergamtoota Bilxiginnaa cubbamtuu impaayera Itiyoopiyaa jiguuf raafama irra jirtu tiksuuf jecha ilmaan Oromoo irratti yakkawwan garaa garaa raawwachuu itti fufanii jiru.

