Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Mana Sibuutti waraanni maafiyaa PP hidhaa maatii qabsaa’ootaa irratti xiyyeefate geggeessaa jiraachuun himame 

ONM-ABO Amajjii 16, 2026 

Godina Lixa Wallaggaa aanaa Mana Sibuu ganda Tooggiir Haroo Gombii jedhamu keessatti waraanni weerartu Bilxiginnaa maqaa abbaa mana keetu bosona jira jedhuun nama maqaan ishee Aadde Ayyaantuu Bal’inaa jedhamtu qabuun erga mana hidhaatti darbatanii guyyoota digdamaa ol kan lakkoofsiste ta’uu jiraattotni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Maatii Aaddee Ayyaantuu jalaa waggaa darbe keessa qabeenya isaanii mana jireenyaa guutuu waliin ibiddaan gubanii barbadeessuu fi horii gaafa 23 offattanii deemuun qe’ee fi qabeenya isaanii diiganii barbaddeessuun hiyyummaa fi rakkina ulfaataaf saaxilamuu isaanii jiraattonni gandichaa dabaluun ibsaniiru.

Dabalataanis waraanni faashistii PP naatoo namummaa tasuma hin qabne kun erga qe’ee isaanii gubanii balleessanii booda bakka Aadde Ayyaantuun mana firaa jirtutti adamsuun ijoollee isaanii 4 bakkeetti hambisuun fuudhanii deemanii waajjira Poolisii Magaalaa Mandiitti hidhanii hiraarsaa jiraachuun barameera.

Waraanni faashistii PP hawaasa nagaa irratti yakkoota waraanaa fi gochoota farra namoomaa raawwachuuf dursee maqaa garagaraa itti moggasuun waggoota 7n darban kana keessatti waan barameedha jechuun tooftaa fi tarsiimoo murna Bilxigginna akka ta’ee jiraattonni gandichaa waan irra ga’aa jiru nuuf ibsaniruu.

Exit mobile version