Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Kaaba Shaggar aanaa Kuyyuu keessatti saamichi qabeenyaa namoota irratti loltoota sirnichaan raawwatame

ONM-ABO Hagayya 23, 2024

Maqaa qabeenya uummataa qabeenya diinaa jedhuun saamuu jedhu tarsiimoo  baafachuun ajaja qondaallonni  bilxiginnaa gubbaa itti kennaniin warri jalee hojjiitti hiikun Oromiyaa guutuu dirree saamichaa taasifachuun qe’ee uummata Oromoo golgoleessaa jiru.

Kaabinoonni mataa waraanaa ta’uun uummata nagaatti   waraana bobbaasuun gochoota dhala namaa irratti hin raawwatamnee fi akka uummatichi deebi’ee hin dhaabbanne gochaa jiran kunneenis har’a qabeenya uummataa saamaniin uummatni jiruu hamtuuf saaxilamee jira.

Kaabinoonni fi waraanni sirnichaa hawaasaaf naasuu hin qabne kun godina kaaba Shaggar aanaa Kuyyuu ganda Dhahee Wiillincoo keessaa qabeenya qonnaan bultoota Oromoo hedduu saamuu jiraattonni gandichaa ONM’tti dubbatan.

Hagayya 19, 2024 namoonni qabeenyi isaanii jalaa saamame kunneenis maqaan isaanii: 

  1. Dhaqabaa Fayyisaa jalaa re’ee torbaa fi lukkuu 12, 
  2. Tolasaa Abdataa jalaa Re’ee 7, harree 2 fi midhaan ardaba 2, 
  3. Dhugumaa Gonfaa jalaa saawwa 3 jabbiloota waliin akkasumas, horii 6 fi  re’oota 5 jalaa saamuun qullaatti hambisanii jiraachuu jiraattonni ibsan.

Akka jiraattonni jedhanitti namoonni qabeenyi isaanii jalaa saamame kun namoota nagaa hojii qonnaa irratti bobba’uun ofii fi maatii isaanii jiraachisaniidha jechuun  dabaluun ibsaniiru. 

Exit mobile version