Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Hidhaa fi dararaan kaaba Shaggar aanaa Kuyyuu keessatti hidhatoota garee maafi’aa PP’n hammaachuu jiraattootni dubbatu

Hidhaa fi dararaan kaaba Shaggar aanaa Kuyyuu keessatti hidhatoota garee maafi’aa PP’n hammaachuu jiraattootni dubbatu.

ONM – ABO – Amajjii 2, 2023 Oromiyaa keessatti gareen maafi’a PP akkuma sirnoota darbanii jiraachuu ilmaan Oromoo hin feene kallattii garaagaraan waraana isa itti bobbaasuun jireenya hawaasatti hadheessuun akka isan rakkatanii fi qe’ee irra buqqa’an gochaa jiru.

Ilmi namaa Oromiyaa keessatti hanguma bineensayyuu mirga dhabuun irra deddeebiin gareen kanaan uummatni nagaan dararamuu kan itti fufe yoo ta’u kaabaa Shaggar aanaa Kuyyuu ganda Dubbannaa Agaloo keessatti gaafa Muddee 31,2022 badii tokko malee qabeenya namoota saamuu fi hidhaan hiraarsa turuu maddeen dubbatu.

Akka kanaanis obbo Suyyumee Damisee jaarsa umrii 80 kan ta’e jalaa sangoota lama yoo fudhatan tokko achumatti qalatanii nyaachuun tokko oofatanii kan deeman yoo ta’u obbo Baay’isaa Baallamii jalaa ammoo gaafuma sana naannoo sa’a 10:00tti milishoonni 3 foon horii isa erga qalatanii nyaatanin booda sammuu namootaa tuquuf jecha foon isaan irraa hafe fidanii mana isaanii keessa kaa’aniifii deeman.

Namoonni yakka tokko malee qabeenya isaanis saamamuun hidhaman kan biraa Taaddasaaa Dabaluu, Tolchaa Taaddasaa, Adaanuu (Haadha manaa Caalaa Tolaasaa ) kanneen jedhaman ta’uu jechuun maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Exit mobile version