ONM-ABO Sadaasa 25, 2023
Oromiyaa keessatti ilmaan ishee jiraachuuf kan ishee yaaddessee jiru yoo ta’u duulli jabaan hidhattoota garee maafi’aa PPn hawaasa nagaa qonnaa isaa dalagatee jiraatu sababa tokko malee mana isaa fi qabeenya mana guutuu dabalatee gubuun barbaadeessaa jiru.
Kaaba Shaggar aanaa Kuyyuu ganda Jilaa Qeerransaa iddoo addaa Daawwichoo jedhamutti guyyaa kaleessaa jechuun Sadaasa 24, 2023 manneen qonnaan bultoota saddeetii gubuun nama kudhanis ganduma kana keessaa hidhanii jiru jechuun jiraattotni dubbatu.
Mangistuu Baacaa, Tacaanaa Kaafatamuu, Habsaa Hordofee fi Katamaa Gaarradoo kanneen jedhaman manni fi qabeenyi mana guutuu midhaan dabalatee warreen jalaa barbaada’ee fi maqaa isaanii arganneedha.
Namoonni manneen isaanii jalaa gubachuun barbaada’ee kunneen mi’a mana keessaa illee tokko osoo hin baafatin kan jalaa gubuun barbaadeessanii fi manneen gubatan ammoo kan qonnaan bultoota saddeetii ta’uus dabaluun dubbatu.
Akkasuma guyyuma kaleessaa kana namoota kudhan fuudhanii deemun akka hidhanii dararaa jiranis jiraattotni dabaluun ibsaniiru.

