Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Lixa Shaggar aanaa Meettaa Roobii keessatti hidhattootni garee maafi’aa PP qabeenya hawaasaa saamuu fi gubuun barbadeessan

ONM-ABO Sadaasa 8,2023

Humnootni badii uummata Oromoo lafa irraa duguuguuf karoorfatanii hojjachaa jiran  Oromiyaa bakkeewwan hedduutti gochoota uummata jiruu gadadootiif fi jiruu baqaaf saaxilan hojjachaa jiru.

Haaluma kanaan lixa Shaggar aanaa Meettaa Roobii gandoota akka Qoree Ginnoo fi  Huqqoo Ginnoo jedhamu keessatti gaafa Sadaasa 5,2023 gochootni jibbisiisoon qabeenyaa namootaa irratti raawwatamu jiraattotni dubbatu.

Haaluma kanaan ganda Qoree Ginnoo keessatti Bayeessaa Kumsaa jalaa  horii gaanfa 12 hoolaa 19, meeshaa mana guutuu miidhaan kuntaala  10, meeshaa afoosha Gabireelii guutuu isaa kan  qarshii 50,000 tilmaamamu jalaa Kan saaman yoo ta’u, Tolasaa Magarsaa jalaa ammoo meeshaa manaa guutuu fi midhaan kuntaala sagal jalaa saamuun, Tarruu Hirkoo jalaas ammoo meeshaa mana guutuu fi mana isaa diiganii balleessan jedhu.

Ganda Huqqoo Ginnoo keessattis gochumti wal fakkaataan kan raawwatame yoo ta’u, Tolasaa Dhufeeraa jalaa mana isaa meeshaa mana guutuu waliin gubuun, Girmaa Gadaa jalaas mana isaa Kan caccabsuunii fi Taaddasaa Soorii jalaas Mana isaa caccabsan jechuun dubbatu.

Guyyuma sana ganda Huuqqoo Birbirsaa jedhamu keessatti manneen qonnaan bultoota hedduu gubanii kan barbaadeessan yoo ta’u reebichis namoota nagaa irratti raawwatamu himu.

Exit mobile version