ONM-ABO Onkoloolessa 14, 2023
Ilaacha Oromummaa balleessuu qabatanii kan socho’an hidhattootni garee Abiy Ahimediin hawaasa nagaatti bobbaafaman kunneen lafa socho’an cufatti gochoota hawaasa rifaasisanii fi jiruu gadadoof isaan saaxilan guyyaa guyyaan raawwachaa jiru.
Haaluma kanaan guyyaa dheengaddaa jechuun Onkoloolessa 12, 2023 lixa Shaggar aanaa Ada’aa Bargaa magaalaa Qarree Ejersaa jedhamu keessa hidhattootni qubsiifamanii jiran, meeshaalee gurguddaa kanneen akka ZU-23 fi Mortera callisanii magaalaa keessaa gadi dhiisuun qabeenya hawaasaa kanneen akka midhaanii fi loon namootaa irratti miidhaa geessisaniiru.
Maammiree Xibabuu jalaa midhaanii fi sangaan qonnaa tokko yoo jalaa miidhamu, qabeenyi bade kan namoota hedduu ta’uu jiraattootni dubbachuun, sirnichi ilmaan Oromoo lafa irraa duguuguu fi diinagdeen dadhabsiisuuf karoorfatee ifatti hojjachaa jiras jechuun jiraattootni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

