ONM-ABO Waxabajjii 16, 2024
Abdii uummata Oromootti kan dukkaneesse bilxiginnaan lafa socho’u cufatti imimmaan haadha hiyyeessaa lolaasaa oola. Waraanni faashistii PP dafqa haadha hiyyeessaa waggootaaf namni itti dhama’ee horate yeroo itti taa’ee nan nyaadha jedhutti waan sa’a tokko hin guunne jidduutti harkaa mancaasanii maatii hedduu bakkeetti facaasuu irratti argamu.
Humnoonni badii qabeenya hawaasaa qabeenya diinaa jedhuun saamuu karoora baafatanii hawaasatti bobbaafaman kunneen karooruma sanaan qabeenya hawaasaa kanneen socho’uu hin dandeenye gubuun yoo barbadeessan, kanneen akka maallaqaa, midhaanii fi beelladootaa ammoo jalaa fudhachuun hawaasa harka duwwaatti hambisaa jiru.
Guyyaa dheengaddaa jechuun Waxabajjii 14, 2024 hidhattootni saamichaaf karoora baafatanii baayinaan socho’an kunneen Lixa Shaggar aanaa Meettaa Roobii ganda Kuyyuu Gicii keessatti qonnaan bultoota hedduu mana irratti gubuun qabeenya isaanii saamuu jiraataa gandichaa gochi kun irratti raawwate keessaa tokko ONM’tti himeera.
Akka jiraataan kun jedhetti namoota maqaan isaanii Taadduu Dhufeeraa jalaa mana lama gubuun horii lamas jalaa yoo saaman, Baqqalaa Qalbeessaa jalaa mana lama gubuun horii lamas jalaa saaman, Tasfaayee Dhufeeraa jalaa mana tokko gubuun horii sadii saaman, akkasumas; Tolasaa Badhaadhaa jalaa mana lama gubuun horii 14 jalaa saamuu maddeen gabaasan.
Akka jiraattotni kunneen jedhanittis namoota kanneen irratti gochoonni kunneen raawwatamuun sabichaaf yaaduu osoo hin taane gara qileetti oofuudhas jedheera.

