Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Aanaa Sulultaa keessatti hidhattootni sirnichaa qabeenya hawaasaa irratti mancaatii raawwatan

ONM-ABO Waxabajjii 26, 2024

Akkuma jaldeessi “nyaadhee fixuu dadhabu haadhee balleessuu hin dadhabu” jedhe loltootni sirnichaa kunneenis  qe’ee hawaasa nagaa yeroo ammaa hanga saaman saamanii qabeenya saamamuu fi hin dandeenye ammoo ibiddaan gubanii barbaadeessuu fi mancaasuun qe’ee uummata ulfoo nagaa dhoowwachuun  guyyaa irraa gara guyyaatti imimmaan haadha hiyyeessaa dhangalaasaa oolu.

Aanaa Sulultaa ganda Ada’aa Gumbichoo keessatti Waxabajjii 24, 2024 loltoonni sirnichaa qabeenya uummataa midhaan faca’ee jirutti horii mooraa itti yaasuun nyaachisuu fi manneen hawaasaa caccabsanii seenuun saamicha raawwataniin alatti uffata mana keessaa gadi baasuun guggubanii daaraa gochuu himan.

Akka jiraataan gandichaa maqaan isaa akka tuqamu hin feene tokko ONM’f himetti loltoonni kunneen Waxabajjii 23, 2024 WBO waliin walitti dhukaasaa turuu fi gaafa sana baqatanii galuun guyyaa itti aanu ammoo humna dabalataa waliin gandoota kanneen keessa faca’uun lafa WBO’n bakkicha hin jirretti callisanii hawaasa gidduutti dhukaasaa akka turan  ibsa.

Uummanni gandichaa dhukaasa sanaaf jecha naannoo gadi dhiisuun lubbuu isaanii oolfachuuf manaa akka baqatan dubbata.

Loltoonni kunneenis hawaasni gandichaa bakka abbaan manaa hin jirretti manneen namootaa irra deemuun caccabsanii saamuu fi uffata isaan mana keessaa qaban mi’a mana keessaa dabalatee jalaa gubanii  barbaadeessuu hima.

Akka kanaanis Shifaa Bojaa, Darajjee Jootee fi Takkaaleny Abbabaa kanneen jedhaman jalaa horii mooraa keessa turan mooraa yaasanii boqolloo faca’ee jiru keessatti bobbaasuun irratti eeganii hanga boqqolloon sun dhumutti nyaachisanii jalaa balleessanii akka deemanis jiraataan kun ONM’tti himeera.

Exit mobile version