Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Wallaggaa keessatti kaabinoonni sirnichaa namoota hidhuu fi manneen daldalaa kanneen akka dukkaana daandii cina jiran uummata jalaa diiguun qabeenya hawaasaa barbadeessaa jiru

ONM-ABO Waxabajjii 4, 2024

Caasaaleen murna gabroomfataa bilxiginnaa gubbaa hanga gadiitti jiran dararaa Oromoo irratti raawwachaa jiran haalaan hammeessuun jiruu fi jireenya uummataa irratti dhiibbaa jabaa uumaa jiru.

Tiksitoonni impaayerattii barcuma aangoo Kolonel Abiy Ahimed tiksuuf Oromiyaa goleewwan hedduu keessatti bobbaafamanii jiran ijoollee Oromoo dirqiin funaanuun dirree waraanaatti erguu, nama nagaa hidhuu, saamuu, ajjeesuu fi qe’ee irraa godaansisuu baran yeroo ammaa kanatti ammoo maqaalee garaa garaa itti maxxansuun mana jireenyaa uummata irratti diigaa jiru.

Baha Wallaggaa aanaa Gudayyaa Biilaa keessatti kaabinoonni sirnichaa dararaa jabduu jiraattota aanichaa irratti geggeessaa jiru. Kaabinoonni kunneen uummata baadiyyaa aanichaa irraa qabuun mana hidhaa bakki isaa hin beekamnetti galchuun, magaalaa Biilaa keessatti maqaa misoomaan, dukkaanota daandii cinaa jiranii fi bakka namoonni bunaa fi shaayee itti gurguratan diiguun namoota diiguu didan ammoo hidhuun mancaatii qabeenyaa hawaasa irratti raawwachaa jiru.

Akkasumas mana gandaa namoonni harka qalleeyyiin yeroo dheeraaf keessa jiraatan keessaa ari’uun gurgurachaa  kan jiranii fi baajata murna PP bara baajataa 2016 jechuun aanichaaf ramadame kan bara 2017 bakka buusna jechuun sababa tokko malee dantaa dhuunfaaf oolfachuun fixaa jiru. Kun ammoo gara fuulduraatti miindaa hojjetootaa irratti dhiibbaa uuma jechuun hojjettootni onichaa yaaddoo guddaa keessa jiraachuu maddeen keessoo isaaniitii ba’an ifoomsaniiru.

Gochoota fokkisoo akkanaa raawwachaa kan jiran bulchaa bulchiinsa aanichaa Cannaqaa kan jedhamuu fi itti gaafatamaa Waajjira  paartii bilxiginnaa aanichaa ta’uu maddeen dabaluun himaniiru.

Exit mobile version