Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Aanaa Sulultaa keessatti hidhattootni sirnichaa qabeenya nama dhuunfaa tokkoo gubuu fi saamuun harka duwwaatti hambsisan

ONM-ABO Hagayya 23, 2024

Namoota nagaa ilaalcha Waraana Bilisummaa Oromoo hin qabnee fi hojii qonnaa qofa irratti bobbaa’uun jiraatan murni bilxiginnaa har’a Oromiyaa keessatti maqaa hawaasichi hin qabneen yakkee jumlaan mana hidhaatti guuruu kaasee hanga qabeenyaa jalaa mancaasuu fi lubbuu obbaasuutti ga’ee jira.

Uummanni nagaan jiruu fi jireenya isaanii geggeeffatan hidhattootaa fi kaabinoota sirnichaa biratti waraana Bilisummaa Oromoo itti fakkaachuun qe’ee uummataa golgoleessaa jiru.

Hagayya 20, 2024 aanaa Sulultaa ganda Andaa Weezaroo jedhamu keessatti loltoonni murna bilxiginnaa godina Lixa Shaggar aanaa Ada’aa Bargaa magaalaa Oolankomii irraa gara gandichaatti imaluun nama nagaa abbaa maatii fi siyaasa irraa bilisa ta’e maanguddoo maqaan isaa Girmaa Alamuu jedhamu jalaa mana sadii qabeenya mana keessaa waliin jalaa gubanii barbadeessuu jiraattonni ONM’f himan. 

Maanguddoo kana jalaas saawwan 14, re’ee 8, harree 2, midhaan mana waliin ibidda itti kaa’uun gubuu fi ardaba saddeet ammoo jalaa fe’atanii deemuus himan.

Akka Jiraattonni jedhanitti maanguddoon kun nama umurii 52 yoo ta’u, abbaa maatii saddeetii fi hojii qonnaa qofa irratti bobba’uun kan jiraatu akkasumas, siyaasa keessaa quba kan hin qabne ta’uu jiraattonni dabaluun addeessaniiru.

Exit mobile version