Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Lixa Shaggar aanaa Ada’aa Bargaa fi Kaaba Shaggar aanaa Kuyyuu fi Dagam keessatti meeshaa gurguddaa loltootni PP hawaasatti darbataniin lubbuun namoota nagaa darbe

ONM-ABO Onkoloolessa 28, 2023

Oromiyaa keessatti haleellaa xiyyaara nama maleeyyii fi meeshaalee gurguddaa akka Zuu 23 fi Moortaraan uummata nagaa irratti gaggeeffamaa jiruun, lubbuun ilmaan Oromoo jumlaan ajjeefamaa, qe’ee fi qabeenyi hawaasaa barbadaa’uun miidhaa gurguddaan uumamaa jira.

Haaluma kanaanis Lixa Shaggar aanaa Ada’aa Bargaa ganda Haroo Booruu jedhamtu keessatti meeshaa gurguddaa waraanni PP hawaasa nagaa irratti dhukaasaniin daa’imni ganna 4 tokko ajjeefamuun, daa’imman lama ammoo kan mada’aan yoo ta’u, ganda Tuulii Dassee keessattis meeshaa gurguddaa dhukaafamee Mooraa nama dhuunfaa keessatti dho’een namni tokko yoo du’u, namootni gariin ammoo madaa’uu maddeen himan.

Oduuma walfakkaatuunis Kaaba Shaggar aanaa Kuyyuu bakka Go’oo jedhamutti Dubartiin umurii 50 tokko dhukaasa meeshaa gurguddaa waraana maafi’aa PPn taasifameen yoo ajjeefamtu, ganda Yuuyyuu Cabaree bakka addaa Roobii jedhamtuttis namoota 12 ol irra bu’uun namni tokko du’uun reeffisaas kan hin argamne ta’uu maddeen gabaasan.

Dabalataanis Kaaba Shaggar aanaa Dagam keessatti miidhaa dhukaasni meeshaa gurguddaa kun dhaqqabsiiseen ganda Ejersa Jaarraa jedhamtu keessatti lubbuun namoota lamaa darbuu fi Godinoota lameen kana keessatti horiin hedduun Haleellaa kanaan ajjeefamanii gariin madaa’uun, qabeenyaan hawaasaa hedduunis barbadaa’uu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaa dubbatan.

Exit mobile version