Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Lixa Shaggar aanaa Ada’aa Bargaa keessatti daa’ima wagga afurii dabalatee namootni nagaan ajjeefamuu fi qabeenyi manca’uun beekame

ONM-ABO Onkoloolessa 21, 2023

Oromoof dhaabbanna jechaa Oromoo lafa irraa duguuguuf karooftanii hojjechaa kan jiran murni bilxiginnaa Oromiyaa bakkeewwaan hedduutti namoota nagaa irratti ajjeechaan jumlaa raawwatamuu bira darbee qabeenyi isaanis haala gaddisiisaan gubachuun hidhattoota garee maafi’aa PPn raawwatamaa jira.

Haaluma kanaan gochoonni fokkisoon irra deddeebiin keessatti kan raawwatamu aanaan Ada’aa Bargaa ganda Haroo Booroo fi Duulii Dassee keessatti lubbuun namaa galaafatamuu fi qabeenyi qonnaan bultootaa barbadaa’uus jiraataan gandichaa ONMtti  himeera.

Ganda Haroo Booroo keessatti dheengaddaa Onkoloolessa 19, 2023 daa’ima ganna afurii Haacaaluu Gaaddisaa Guutaa jedhamu yoo ajjeesan, Tolashii Dabalee, Abdataa Bokonaa, Addunyaa Gaarradaa fi Caaltuu Tasfaayee kanneen jedhaman ammoo madeessuun yeroo ammaas akka yaalamaa jirantu dubbatama.

Akkasuma Baqqalaa Guutaa jalaa sa’a lamaa fi Caalaa Mullataa jalaa sangaa tokko, sa’a tokko fi harree tokko jalaa ajjeesuus jiraattotni dubbatan.

Ganda Duulii keessatti Girmaa Fayyisaa fi Abbabaa Yaaddessaa jalaa mi’a mana keessaa dabalatee manni isaanii guutummaan guutuutti jalaa gubachuun kan barbaadaa’e yoo ta’u, horiin gaanfaa hedduunis haleellaa kanaan dhumuu dubbatu.

Gandoota lameen kana keessatti haleellaan meeshaa gurguddaa hawaasa nagaa irratti darbatamu kun guyyaa guyyaan kan adeemsifamaa jiru yoo ta’u, midhaan akkasuma biqiloonni gubachuun  akka barbaadaa’e himuun, uummanni gandoota kanneeniis midhaan nyaachuuf qotate keessaa harka qullaa hafuun bara dhufuuf maal akka nyaatan isaan yaaddessuus himu.

Exit mobile version