ONM-ABO Amajjii 14, 2026
Godina Baha Wallaggaa magaalaa Naqamtee bakka Qassoo jedhamuun waamamtu keessatti ergamtoonni ergama jal’inaa leenjifamanii bobbaafaman Amajjii 11, 2026 dargaggoota yakka tokko hin qabne irratti maqaa “Waraana Bilisummaa Oromoo deggartu”jedhuun reebicha akkaan jabaa ta’e raawwachuu jiraattonni himan.
Dargaggoota waraana kanneeniin reebichi ulfaataan irra ga’e keessaa muraasni maqaan nu qaqqabe:
- Abdii Lammaa,
- Mararaa Girmaa,
- Saamu’eel Habtaamuu fi
kanneen ammaaf maqaan isaanii nun qaqqabiin jiru hedduunillee akka jiran jiraattonni dubbatu.
Akka jiraattonni jedhanitti dargagoonni waraana koloneel Abiy Ahimadiin bobbaafamaniin miidhaa ulfaataan irratti geggeeffame kunneen hawaasa naannoo isaanii biratti ilaalcha gaarii fi naamusa qabeeyyii kan ta’an ta’uu himuun, yakka tokko malee garaan lafarra ciibsanii qaama isaanii shiboon ciruun dararaa turuu addeessanii jiru.
Bakkicha keessatti keessumaa galgala sa’aa 12:30 booda namni kam lama ta’ee waliin haasawaa geggeessinaan dhoksaan waa mari’ataa jirtu jechuun uummata yeroo mara gidirsaa akka jiran itti dabaluun kan dubbatan jiraattonni bakkichaa, murna nageenya biyyaa eegna jedhanii nageenya biyyaa booressaa oolan, ajaja qaama isaanii olii irraa fudhachuun ergamtoonni sirna dadhabaa utubuuf fiigan bakkoota bobbaafaman maratti ilmaan Oromoo irraan miidhaa hammaataa ga’aa jiru jechuunis jiraattonni miira gaddaa fi aariin guuteen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

