Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Wallaggaa bulchiinsa magaalaa Naqamtee keessatti ergamtoonni Bilxiginnaa dargaggoota ukkaamsanii hidhuu cimsanii itti fufan

ONM-ABO Gurraandhala 6, 2025 

Ergamtoonni kaayyoo fi akeeka hin qabne loltoonni Abiy Ahimed, kutaalee impaayerattii cufa keessaa haala duraan barameen olitti sabboontota ilmaan Oromoo, keessattuu dargaggoota irratti xiyyeeffachuun adamsanii qabuun miidhaa ulfaataa irraan ga’aa jiru.

Bulchiinsa magaalaa Naqamtee ganda 04 iddoo addaa Adiveentistii jedhamu keessaa Amajjii 31, 2025 ergamtoonni sirnichaa dargaggoota lama kanneen maqaan isaanii:

1. Baacaa Abbabee fi

2. Lolee Dassaaleny jedhaman badii tokko malee halkan keessaa toora sa’a 3:00’tti ukkaamsuun waajjira poolisii bulchiinsa magaalaa Naqamtee aanaa 2’ffaa ganda 07’tti hidhanii garmalee hiraarsaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Akka maddeen himanitti, dargaggoonni kunneen siyaasa kam irraa walaba ta’uu himuun, ergamtoonni Bilxiginnaa ammoo maqaa “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu” jedhu itti maxxansuun hidhaatti darbachuu Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Exit mobile version