ONM-ABO Fulbaana 30, 2023
Guddina magaalotaa fi ijaarsa biyyaa keessatti abbootiin qabeenyaa shoora guddaa Kan ba’an ta’ullee, impaayera bututaa fi ilaalcha murna tokkoo tarkaanfachiisuuf warraaqaa jirtu itoophiyaa keessatti abbootiin qabeenyaa akkasumas hayyoonni adamfamanii hidhamuu fi saamamuun bartee yeroo dheeraa ta’ee jira.
Baatii darbe irraa eegalee godina Harargee lixaa aanaa Odaa Bultum magaalaa Baddeessaa keessatti waraanni goolessaa PP ergama kaadiroota irraa fudhatanii bobba’an, seensa magaalattii bakka lamatti sakatta’iinsa jechuun dallaa dhaabanii abboota qabeenyaa konkolaataan mi’oota hawaasaaf barbaachisu magaalicha seensisan cufa irraa maallaqa saamaa jiraachuu jiraattotni dubbatu.
Dabalataanis waraanni qubsiifamanii jiran kunneen, haadholii Oromoo irratti gudeeddii raawwachaa akka jiran maddeen himuun, guyyaa dheengaddaa fulbaana 28, 2023 konkolaataa paatiroolii 13’n waraana dabalataa qubsiisuun uummata dararaa jirus jedhaniiru.
Oduuma saamichaan Wal qabatuun lixuma Harargee aanaa Gammachiis Magaalaa Qunee keessatti namoota daandii gubbaa deemanis qabuun qarshii 200 kaffalchiisaa kan jiranii fi sodaa kanaa irraa kan ka’es guyyoota gabaa namootni daandii gubbaa deemunis yaaddoo ulfaataa ta’aa jiraachuu maddeen ONMtti himan.

