Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Harargee Lixaa aanaa Odaa Bultum magaalaa Baddeessaa ganda 02 keessatti jiraataan tokko rasaasa milishaa sirnichaan rukutame

ONM-ABO Bitootessa 30, 2024

Milishaan sirnichi leenjii siyaasaa fi waraanummaa gahaa osoo hin kenniineef teessuma aangoo isaaf jecha qawwee itti hidhuun hawaasa nagaatti bobbaase, guyyuu lubbuu namootaa balleessuu fi madeessuu irratti argamu.

Milishoonni kunneen haaloo yeroo harka duwwaa turan nama waliin wal dhaban qawwee qabanitti fayyadamuun Oromiyaa bakkeewwan hedduutti maqaa siyaasaa itti hidhuun saamicha qabeenyaa hanga ajjeechaa lubbuutti irratti raawwachaa jiru.

Bitootessa 27, 2024 godina Lixa Harargee aanaa Odaa Bultum magaalaa Baddeessaa ganda 02 araddaa Burqaa Misoomaa keessatti milishaan Muummee jedhamu sababa tokko malee nama Jamaal Yusuuf jedhamu rasaasaan rukutuun yoo madeessu namni kunis yeroo ammaa du’aa fi jireenya gidduutti akka argamus jiraattotni himan.

Akka jiraattotni jedhanitti milishaan kun haaloo irraa waan qabuuf qawwee harkaa qabutti dhimma ba’uun akka rasaasaan rukutes himuun, aanicha keessatti milishoonni qawwee hidhatan saamicha dabalatee uummata gidirsaa jiraachuu ibsaniiru.

Exit mobile version