Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Harargee lixaa aanaa Odaa Bultum keessatti namni umurii 15 olii leenjii waraanummaa fudhachuu qabu yoo jedhan, akkasumas hanqina bishaaniin uummanni rakkachuu fi milishaan sirnichaa reebicha hammeessuu jiraattotni ONM’tti himan

ONM-ABO Bitooteessa 15, 2024

Harargee lixaa aanaa Odaa Bultum magaalaa Baddeessaa keessatti Bitootessa 12, 2024 irraa kaasuun kaabinoonni fi waraanni sirnichaa waliin ta’uun uummata dirqamaan walgahii baasuun dargaggoonni umuriin isaanii 15 ol ta’e hundumtuu leenjii waraanummaa fudhachuu qabu jechuun uummata dirqamsiisaa jiraachuu jiraattonni himan.

Akka jiraattotni jedhanitti dargaggoonni leenji’an kunneenis barnoota isaanii dhaabuun akkasuma inni hojii adda addaan maatii isaa gargaaru hundumtuu dhaabee gara leenjii loltummaatti deemuu qabas jedhan.

Akkasumas, yoo xiqqaate araddaa tokko irraa namni 500 ol leenji’uu qaba jechuun dirqama hawaasatti kennanii jirus jedhan.

Akkasumas, magaalicha keessatti hawaasni hanqina bishaaniin rakkachaa kan turan yoo ta’u booda irra rakkootu mudatee jechuun maallaqa tokko tokkoon manaa irraa qarshii dhibba ja’a erga guuraniin booda maallaqicha ofumaa nyaachuun bishaan osoo hawaasaaf hin deebine torban lamaaf turuus himan.

Akka jiraattotni dabaluun ibsanitti tooftaa ittiin uummata saamuuf karoora baafatanii hojjechaa Jiraniidha jechuun, yeroo muraasa boodas maallaqni nu hanqateera jechuun deebi’anii hawaasa saamuuf kan jiraniidha jedhan.

Itti dabaluun, milishaa sirnichaafuu namuu nagaan ba’ee nagaan akka itti galu dhabuun yeroo hunda namoota nagaa irratti reebicha ulfaataa raawwachaa jirus jedhu.

Bitootessa 13, 2024 dargaggoo Gaaddisaa kan jedhamu gargaaraa konkolaachisaa kan ta’e nama jireenya isaa jijjiiruuf carraaqatu milishoonni sirnichaa gochaa isaa malee reebicha hamaa irratti raawwachuun harka isaa cabsanii bakkeetti yoo gatan, dargaggoon kunis yeroo ammaa waan ittiin yaalamu dhabuun hedduu dararamaa jiraachuus dabaluun himaniiru.

Exit mobile version