ONM-ABO Waxabajjii 26, 2024
Dabummaa daangaa darbe ilmaan Oromoo irratti raawwachaa fi raawwachisaa kan jiran koloneel Abiy fi ergamtoonni isaanii yakka namni tokko keessaa hin qabneen sobanii yakkamaa taasisuun gochoota qorqalbii namootaa tuqu irratti raawwachuun namoonni booddee isaaniitti hafan akka hin dubbanneef jecha ilmaan Oromoo mana hidhaatti naqanii dararuun gariin ammoo teessuma isaanii akka tiksaniif jecha dirqamaan leeenjii waraanaatti guuruu irratti argamu.
Sarbamiinsi mirgoota namoomaa Oromiyaa keessatti raawwatamaa jiru kan yeroo kamuu caalaa yeroo ammaa jabaatee itti fufuun murni abbaa irree waan barbaade afaan qawween uummata irratti raawwachaa jira.
Lixa Harargee aanaa Odaa Bultum magaalaa Baddeessaa keessatti Waxabajjii 19, 2024 loltootni sirnichaa maqaa WBO deggertuun namoota danuu mana hidhaa kan naqee dararaa jiru yoo ta’u, isaan keessaa namni abbaa maatii ta’e Jaafaroo Huseen kan jedhamu irratti miidhaa cimaa raawwachuu jiraattotni ONM’tti himan.
Akkasumas, magaalicha keessatti dirqamaan waraana duuluu qabdu jechuun guyyaa kaleessaa Waxabajjii 25, 2024 mana namootaa irra deemuun galmeessaa kan oolan yoo ta’u, namoonni galmoofatanii jirtan guyyaa waamamtanitti qophaa’aa jechuun dirqama itti laatanii akka deemanis dabaluun ibsaniiru.

