Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Kaaba Oromiyaa godina Walloo magaalaa Kamisee keessatti saamichi daldaltoota irratti raawwatamu yaaddoo uumee jiraachuu ibsan


ONM-ABO Ebla 29, 2024

Gareen egeree sabichaa gadadootti hambisuuf hojiitti jiru bilxiginnaan Oromiyaa mara keessatti uummata Oromoo dinagdee fi hawaasummaan dadhabsiisuuf maqaalee garaagaraa moggaafachuun afaan qawween doorsisanii saamicha raawwachaa jiru.

Akkuma kanaan Kaaba Oromiyaa godina Walloo magaalaa Kamisee keessatti daldaltoota uffannaa, kophee fi wantoota adda addaa gurguruun ofii fi maatii isaanii jiraachifatan murni faashistii PP mootummaaf ji’a keessatti qarshii yeroo sagal sagal, torbanitti ammoo 500 -700 kaffaluu qabdu jechuun dirqamaan irraa saamaa akka jiran dubbatan.

Namoota kanumaan ilmaan keenya jiraachifachaa jirra waan ji’atti yeroo 9 isiniif laannuu fi torbanitti 500-700 kenninu hin qabnu jedhanii rakkoo isaanii itti himatan ammoo reebicha hamaa irratti raawwachuun ni hidhamtu ittiin jedhanii sodaachisuun dirqiin nurraa saamaa jiru jechuun dubbataniiru.

Dabalataanis magaaluma Kamisee keessatti manneen namootaa irra deemuun qarshii 50-60 kaffalchiisaa akka jiran kan himan maddeen, qaamni biyyan bulcha ofiin jedhu gad deebi’ee uummata saamee, hidhaa fi reebichaan sodaachisa osoo hin taane rakkoo hawaasni qabu qoratee furuun osoo irra jiruu, murni bilxiginnaa garuu gocha miidhaa hawaasaa raawwachuun tuffii fi diinummaa uummata Oromoof qabu agarsiisaa jira jechuun miira aarii fi gaddaan guutameen kan dubbatan jiraattota magaalaa Kamiseeti.

Exit mobile version