Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Walloo Magaalaa Kamisee keessatti milishaan PP sabaan Amaara ta’e tokko namoota hedduu gareen ijaaree hojii hannaa irratti bobbaasuun hawaasa nagaa saamaa fi doorsisaa jiraachuun himame

ONM-ABO Sadaasa 28, 2024 

Leellistoonni sirna Minilik ilmaan habashootaa golee Oromiyaa bakkoota garaa garaa keessatti duula duguugiinsa sanyii fi saamicha qabeenyaa uummata Oromoo irratti raawwachaa jiran jabeessuun godina Walloo magaalaa Kamisee keessattis gareen wal qindeessanii hawaasa nagaa doorsisanii saamuu cimsanii itti fufaniiru. 

Bu’uuruma kanaan Kaaba Oromiyaa godina Walloo magaalaa Kamisee keessatti milishaan sirnichaa sabaan Amaaraa ta’e kan maqaan isaa Yusuf (Mudiir) jedhamu milishoota sabaan Amaara ta’anii fi uummata Amaaraa huccuu, kophee fi kkf magaalaa Kamisee keessatti gurguran gareen ijaaree hojii hannaa fi basaasummaa irratti bobbaasuun gama isaaniif danda’ame maraan uummata Oromoo irratti miidhaalee adda addaa akka raawwatan taasisaa jiraachuu jiraattotni magaalichaa ONM’tti himan. 

Akka jiraattotni magaalichaa  ibsanitti, milishaan PP sabaan Amaaraa ta’e kun baatii muraasaan dura magaalaa Kamisee keessatti hojii loojistikii hidhattoota Amaaraa Faannoof hojjechaa kan turee fi hawaasa Oromoo irratti ammoo namoota gareen ijaaree saamicha daangaa hin qabne gaggeessaa turuu himuun, boodarra ammoo hojiin isaa kun hawaasicha biratti irratti baramuu gaafa baru hidhattoota sirnichaatti dabalamuun leenjii milishummaa leenji’ee qawwee of harkaa qabutti dhimma ba’ee kan duraa caalmaatti gocha badii isaa hawaasa nagaa irratti raawwatu hammeessuu jiraattotni dubbatu.

Milishaan sirnichaa kun ilmaan habashootaa 5-10 ta’an  qindeessee garee Mudiir jedhee maqaa itti baasuun hojii basaasummaa akka hojjetanii fi ilmaan Oromoo daldaltoota ta’an ammoo ukkaamsanii dhabamsiisuu fi qarshii guddaa harkaa akka saamaniif bobbaasee uummata nagaa saamsisaa kan jiru ta’uu dabaluun himan.

Yeroo daldaltootni kunneen maaliif saamamna nuti jedhanii dubbatanitti milishaan sirnichaa kun iddoo hojii isaanii deemuun afaan qawwee itti qabee asiin booda jecha akkasii dubbatu yoo ta’e gatii keessan isiniifan laadha jechuun doorsisaa jira kan jedhan daldaltoota magaalaa Kamisee Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa dubbiseedha.

Exit mobile version