Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Kaaba Oromiyaa godina Walloo magaalaa Kamisee keessatti hidhamtootni siyaasaa Oromoo dararamaa jiraachuun barame

ONM-ABO Adoolessa 1, 2023

Murni faashistii PP badii tokko malee ilmaan Oromoo kaaba Oromiyaa godina Walloo keessa jiran ilaalcha siyaasaa garaagaraa itti maxxansuun mana hidhaatti galchee erga dararuu eegalee waggaa tokkoo ol lakkoofsiseera.

Aanota godina Walloo irraa maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo deggertuu fi TPLF waliin taatanii nu rukuttan jedhuun namoota hidhata siyaasaa hin qabne; qonnaan bultoota, barattoota, daldaltootaa fi hojjettoota mootummaa qabanii hidhuun murtii tokko malee mana hidhaa magaalaa Kamisee keessatti dararaa jiru.

Hidhamtoota kana keessatti weellisaan Sa’ad Awwal kan argamu yoo ta’u, erga hidhamee waggaa tokkoo fi walakkaa ol akka ta’e maddeen dubbatu.

Ilmaan Oromoo kunneen qabeenya bilxiginnaa barbadeessitani akkasumas, Amaara irratti haleellaa raawwattan jedhamuun sabaan arrabsamaa, reebamaa fi dhibee adda addaaf akka saaxilaman taasifamaa kan jiran yoo ta’u, rakkoo isaanii kana qaamni furmaata kennuufis hin argamne.

Ilmaan Oromoo Oromummaa qofaan yakkamuun naannoo Amaaraa keessatti kan dararamaa jiran ta’uu kan nuuf himan maddeen rakkoon kun warreen fedhii lafa babal’ifannaa qaban finxaaleyyii Amaaraan yoomuu jabaatee waan itti fufuuf ilmaan Oromoo jabaatanii biyya mataa ofii ijaarrachuu qofatu furmaata jechuun dhaamsa dabarfatanii jiru.

Exit mobile version