Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Walloo magaalaa Kamiseetti hidhamtoonni siyaasaa baay’inaan 57 ol ta’an hidhaan waggoota dheeraa itti murtaa’uu fi dhukkuboota adda addaan qabamanii miidhamaa jiraachuun himame

ONM-ABO Adoolessa 11, 2025 

Hidhamtoonni siyaasaa godina Walloo magaalaa Kamiseetti waggoota hedduuf murtii seeraa tokko malee hidhamanii dhiittaan mirgoota namoomaa daangaa darbe irratti raawwatamaa turan yeroo ammaa hidhaan waggoota dheeraa itti murtaa’uun ibsame.

Hidhamtootni siyaasaa baay’inaan 57 ol ta’an hidhaan waggoota dheeraa itti murteeffame kunis muraasni maqaan nu ga’e:

  1. Huseen Mohammad murtii waggaa 12,
  2. Yaayyaa Mahammad murtii  waggaa  12,
  3. Burahaan Huseen murtii waggaa   12,
  4. Gazzaahany Fiqaaduu Lammaa  murtii waggaa 11,
  5. Hasan Mahaammad Siraaj murtii waggaa 11,
  6. Abduu Musxafaa Abduu  murtii waggaa  11,
  7. Jamaal Sayid Huseen murtii waggaa 11,
  8. Ahimed Mahaammad Hasan murtii waggaa 11,
  9. Adam Abduu Mahaammad murtii waggaa 10,
  10. Indiris Adam Mahaammad murtii waggaa 10,
  11. Sayid Ahimed Mahaammad murtii 8 

itti murteessuu odeessi magaalaa Kamisee irraa ONM dhaqqabe ni ifoomsa.

Hidhamtoota armaan olitti maqaan isaanii eerame malees hidhamtoonni danuun waggoottan 4 oliif hidhamaa akka jiranis kan himan, maanguddoon gootummaan isaa uummata Oromoo boonsu Obbo Ahimed Muusaa kan ganna 90 olii  erga hidhamee waggoottan 4 ol kan lakkoofsise oggaa ta’u, yeroo ammaa kanas mana hidhaa keessatti ijni isaa tokko jaamuu itti dabaluun ibsaniiru.

Exit mobile version