ONM-ABO Fulbaana 5, 2024
Murni jiraachuu ilmaan Oromoo hin barbaannee fi Itiyoophiyummaa ijaaruuf dhama’u bilxiginnaan ilmaan Oromoo xiqqaa guddaa, barataa fi barsiisaa, qotee bulaa fi daldalaa osoo hin jenne waan isaan keessa hin beekneen yakkanii waggoota hedduuf hidhanii hiraarsuun qorqalbiin isaanii akka tuqamuu fi dhukkuboota adda addaan miidhamanii akka dhumaniif murnoota bilxiginnaan ta’e jedhamee itti yaadamee hojjetamaa kan jiru ta’uun ni beekama.
Haaluma kanaan Kaaba Oromiyaa godina Walloo magaalaa Kamisee keessatti namoonni nagaan waggaa sadii oliif badii tokko malee hidhamanii dararamaa turan hidhaan waggaa 11-15 itti murtaa’uun barame.
Namoota badii isaanii malee waggaa 3 oliif dararamaa turanii yeroo ammaa ragaan tokko osoo itti hin argamin hidhaan waggaa 11-15 itti murtaa’e keessaa muraasni maqaan nu ga’e Burahaan Huseen, Huseen Mahaammad, Hasanuu Moommadee, Ahimadee Xiyyee, Mahaammad Usmaanii fi Muusaa Mahaammad jedhaman ta’uu maddeen ibsaniiru.
Akka maatii hidhamtoota kanneenii Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa dubbise himanitti, namoonni kunneen badii dalaganii osoo hin taane Oromummaa qofti yakka ta’uun akka hidhamanii fi namoonni kun achi keessatti hedduu dhukkubsatanis yaala kan hin argannee fi Muusaa Mahaammad kan jedhaman maanguddoo ganna 80 olii kan ta’an mana hidhaa keessatti ija dhabuun gidiraa hamtuu argaa akka jiran dabaluun dubbatan.
Akkasumas hidhamtoota kanneeniif nyaanni achi keessatti dhi’aatuuf qulqullina kan hin qabnee fi namni nyaachuu kan hin dandeenye ta’uu irraan kan ka’e dhukkubootaan qabamanii yaala illee dhabuun hedduu rakkachaa akka jiran jiraattotni dabaluun addeessaniiru.
Fulbaana 1, 2024 hidhattootni sirnichaa hidhamtoota kana eegaa turan ulee guurrachuun manatti ol itti seenanii osoo hidhamtoonni kun maal balleessine? badiin keenya maaloodha jedhanii watwwaatanii tumaa turuu fi ganama ciree dhorkachuun ulaa itti cufanii kan oolchan ta’uu fi namoonni adda durummaan hidhamtoota kanneen dararaa jiranis Obbo Asheetuu, Obbo Daawitee fi Obbo Jaambaruu kan jedhaman ta’uu dabaluun ibsaniiru.

