Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Ilmaan Oromoo hedduun murna bilxiginnaan godina Wallootii waggaa sadiin dura qabaman mana hidhaa Dabra Biraanitti dhukkubaan qabamanii du’aa fi jireenya jidduu jiraachuun dhagaa’ame

ONM-ABO Waxabajjii 18, 2024

Murni hiika bulchiinsaa fi qabannaa hawaasaa hin beekne PP’n namni deggaraa Paartii badhaadhinaa hin taane cufti  isa biratti akka waan yakka hojjeteetti ilaalamuun tarkaanfiin namoota nagaa irratti siyaasa isaa humnaan fudhachiisuuf jecha fudhatamu jabaachuun, namoota nagaa ajjeesuu, qabanii manneen hidhaa maatiin arguu hin dandeenyetti hidhuu fi kan odeeffatanillee haala isaan keessa jiran dhaga’uun hin danda’amne keessatti hidhee beelaa fi dhukkuboota garaagaraan akka dararamanii fi sammuun isaanii doomee akka abdii kutatan gochuuf hiree ilmaan Oromoo ajjeechaa fi manneen hidhaa taasisee jira.

Akkuma kanaanis Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Jiillee Dhummuuggaa ganda Gooroo Dirree Baddanaa keessaa ilmaan Oromoo hedduun abbaa fi ilma dabalatee bara 2021 murna faashistii PP’n kan qabaman yoo ta’u, isaanis erga qabamaniin booda maatiin eessa akka geeffaman dhabuun du’aniiru jedhanii boo’aa akka turan himuun, bara 2024 kana ammoo mana hidhaa Dabra Biraanitti hidhamanii dhukkubaa fi beelaan dararamaa jiraachuu  ONM’tti himaniiru.

Namoota yeroo ammaa mana hidhaa Dabra Biraanitti argaman keessaa muraasni kan maqaan nu ga’e maanguddoo Abbaa Kiiloo fi ilmaa isaanii Kiiloo Hasuu, Umar Hasanii fi Taakkaw kanneen jedhaman yoo ta’an, isaanis badii waggoota hanganaa isaan dararsiisu dalaganii osoo hin taane gaafa qabaman maqaa uummata Amaaraa maaliif ofirraa loltu jedhamuun akka qabamanis himan.

Hidhamtoonni kunneenis  manneen hidhaa kana keessatti dhukkuba hamaan yeroo tokko  qabamanii eegdootuma sirnichaan maatii isaaniitti kan  bilbilameef yoo ta’u, maatii isaaniin mana hidhaa Dabra Biraanitti argamna, dhukkuba hamaan sababa beelaa fi qilleensa akkasumas qulqullina dhabuu irraan kan ka’e qabamnee waan jirruuf dhibee keenyaaf uummanni Oromoo marti sagalee nuuf haa ta’u jechuun akka itti dubbatan maatii isaanii irraa Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa odeeffateera. 

Exit mobile version